Qooccoon gosa nyaata aadaa Oromoo kan naannoo Wallaggaatti beekamuudha. Qooccoon kan dhaabbamu yeroo bonaa yoo tahu yeroo roobni dhufutti eeggatee biqila.
Qooccoon niwuutirentii adda addaa of keessaa qaba. Kana keessaa pirootiinii, kaarboohidireetii fi faatiin warra gurguddaa dha.
Tarree hammaa fi gosa niwuutirentii qoocco keessa argmuu.
Gosa qoccoo | pirootinii (g/100g) | faatii (g/100g) | kaarboohayidireetii (g/100g) | Anniisaa (Kcal/100g) |
---|---|---|---|---|
dheedhii | 2.11 | 0.5 | 14.23 | 91 |
quncifamee affeellame | 1.56 | 0.23 | 8.2 | 62 |
hinquncifamin affeellame | 1.99 | 0.14 | 10.15 | 79.12 |
Aadaa Oromoo |
Aartii - Afaan |