Heddumminni Humna Hidhataa Wayyaanee Mooraa Yunversity Haromaayaa Keessa Jiranii fi Baayyinni Barattootaa Wal Qixa Tahuun Beekame. April 26, 2012 By Qeerroo in Oduu/News Leave a comment

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo University Haromaya

Yeroo ammaatti mooraan Yuniversitii Hayroomaayaa kan barataa ta’uu fi kan poolisa Wayyaan ta’uun wallaalame sababni isaa yoo baayina barataa fi kan waraana akkasumas poolisa mooraa kanaa ilaalle walgitu.

Kunis maaliif ta’e? Akkuma beekamu mooraan Yuniversitii kamiyyuu bakka barataan itti qaroomee ba’u ture malee bakka waraanni wayyaanee itti leenjifamu miti ykn hin turre. Kanumarraa ka’uun gaafa guyyaa Ebla 24,2012 sa’atii 2:00 kaasee hanga sa’a 3:00 wb itti waraannii fi hidhattoonni Wayyaanee bakka LAUNCH WALLAGGAA jedhamuun beekamu keessatti walitti qabamuun maree kan geggeessaa turan yommuu ta’u, mata duree fi ijoon maree irratti mari’atanis Qeerroo mooraa kana keessa dhokatee odeeffannoo keenya funaanu akkamitti harka keenya keessa galfanna kan jedhu fi yookiis Qeerroon ABO kun mooraa Yuniversitiin ala ta’uu waan danda’uf yeroo barataan mooraa seenu ID barattoota hunda kan mooraa kanaa ta’uu isaanii, akkasumas suuraan ID kana irra jira fuula namtichaa wajjin kan walfakkaatu ta’uu isaa ifa baafachuun dirqama kan jedhus gara waardiyaa balbala mooraatti dabarsan.

Haa ta’u malee QEERROON HAROMAYAA UNI keessa jiru kun hidhataa waraanaa Wayyaanee keessaa iyyuu maadhee qabaachuu fi qaama dargaggoota mooraa Yuniversitii alaas ta’uu danda’a.

Hidhattoota mooraa seenanii Qeerroo sakata’uu fi tikoota jala buusan keessaa tokko akka barattoota gariitti haasayetti ”Kan garaa garaa haa taa’uu” Qeerroo Oromoo karaa fedhe iyyuu bilisummaa barbaadu waan ta’eef akka fedhetti dabarsinee hin kenninu kan jedhu kaasuun beekamee jira. Maarree Qarshiin Wayyaanee kan yeroof nama bitu yoota’ellee ani gama kootiin jireenyaaf malee wayyaaneef hin bitamu jechuun quuqqaa garaa isaa keessaa fi karoora ykn sagantaa ABO akka deggeru kan ibse hidhataan kun, jabaadhaa Qeerroon ABO amma fuulli kan keessan kan jedhe poolisni kun maqaa isaa barattootatti himuuf seenaaf qabadha jedheen maqaa fi deggersa Qeerroof qabu himatee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!