Sakkoo ykn falaasamni naamusaa damee falaasama "yaad- rimee amala gaarii fi dogoggoraa sirnaan hojjechuu, ittisuu fi gorsuu kan of keessaa qabudha ". Dirreen naamusaa, qorbareedinaa(aesthetics) waliin, dhimmoota sona ilaallata ; dameewwan kun damee falaasama aksiyooloogii jedhamu of keessaa qabu .
sakkoon yaad-rimeewwan akka gaarii fi hamaa, sirrii fi dogoggora, qulqullummaa fi hammeenya, haqaa fi yakka hiikuudhaan gaaffii safuu dhala namaa furuu barbaada . Akka dirree qorannoo hayyoolessa(intellectual)tti, falaasamni hamilee dameewwan xiinsammuu hamilee, ibsituu sakkoo, fi yaadrimee sonaa wajjin walqabatee jira.
sakkoo keessatti naannoowwan qo’annoo gurguddoon sadii har’a beekamtii argatan: