WAA SADI, WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..
• Dubbatuun beekkumsa,
• Obsuun wallaalummaa
• Nama kabajuun sodaa sitti hinfakkaatin
WAA SADI, WAA SADI HIN SE’IN
• Nama beektu hunda fira kee,
• Kan siin lolu hunda diina kee,
• Badiirraa si dhoorguu hammeenna hin se’in.
WAA SADI HIN HAWWIN.
• Bokoyni quufaa mitii,
• Abaarsi eebbaa mitii,
• Summiin qorichaa mitii hin hawwin.
NAMA SADI, WAA SADI JETTEE HIN TILMAAMIN.
• Nama kolgu hunda gammadaa,
• Nama dureessa hunda arjaa,
• Nama dhabaa hunda dony'a jattee hin tilmaamin.
WAA SADI WAA SADIIF JAALADHU
• Aadaan kee eennummaa keeti,
• Afaan kee mallattoo keetii,
• Sabni kee dhiiga keeti jaaladhu.
WAA SADI HUBATTU MALEE HIN SEENIN
• Dubbii keessa hinbeeyne,
• Bishaan gad fageenna isaa hinbeeyne,
• Imala daandii isaa hinbeeyne hubattu malee hin seenin.
Jajjaboo Sabaatin
♧ Oromoon waa sadi (3) jaalata.
1) Adii jaalata = Aannan
2) Aduu jaalata
3) Oduu jaalata
♧ Waa sadi (3) dura badde
1) Wollaalaan ykn Makkalli dura bade,
2) Doyn'i ykn Doqni dura bade
3) Lunni ykn Luyni dura bade
♧ Waa sadi (3) tura badde
1) Jaarsi hayyuun yoo dulloomee manatti galee, ijoolleefi dubartiin "Jaarsa sanitti waa kennaa" eddoo jedhaniin gaye = Tura bade
2) Fardi Sangaan, ari'ee dhaqqabu, ka dheessee jalaa bayu, yoo dulloomaa manatti galee " Maxaana sanii bishaan buuftanii?" eddoo jedhamu gaye = Tura bade.
3) Gootni ija barbaadaa, ka yoo inni dubbatu namni jala hin qufaane yoo dulloomee manatti galee, beeraa fi ijoolleen yoo inni waa dubbatu " Qaaquma jaarsa kanaa dhabbane, qaaqee hin haru" eddoo jedhaniin gaye = Tura bade
Murad Seid