Ciigoon ummata Oromoo biratti tooftaa dubbii haala dhoksaa ta'een yeroo dabarsuun barbaadamu itti fayyadamuudha. Ciigooon jecha ykn gale ykn hima hiika mul’ataa fi dhokotaa of keessaa qabu ta’ee kan himoota yaada Walqabataa qaban lamaan himamu dha.Ciigoon qaamota gurguddoo sadii of keessatti qabata isaanis; dubbii dacha,soorgoo fi sookoo fa’a dha
1.Dubbii dacha/sobbooqoo: dubbii dacha qaama ciigo ta’ee jecha , gaalee ykn hima ciigoo Sana keessatti hiika dhaanquu(hiika mul’ata fi dhokataa)
of keessatti qabatuu dha.
hiika kana argachuuf bo’oo jalqabaafi isa itti aanu waliin xiinxaluu gaafata.
2.soorgoon: ciigoo keessatti ergaa ifaa yoo ta’u, qabiyyyee walalichaatiin tokko
waan ta’eef argachuunsaa xiinxala sammmuu(gadi fageenyaan yaaduu)hin gaafatu.
3.Sookoo: sookoon immo hiika dhokotaa itti yaaduu gaafatu dha.
Hiika kana argachuuf bo’oo jalqabaa fi isa itti aanurratti xiyyeeffachun kan barbaachisu osoo hin taane hiika dubbiin dacha qofaasaa dhaabbatee kennuu xiiinxaluu dha. yommuu ciigoo tokkof sookoo isaa barbaannu dubbi dacha ciigoo sanaa irra deddeebinee sagaleessuu, sagalee jechootaa jijjiiruu dhaan (dheeressun, gabaabsuun, laaffisuun, jabeessuun) sagaleessuu gaafata.
Fakkeenyota ciigoo
Buna kee lammaffaa eegaa kutadheera
Jecha dachaa :buna kee lammafaa
Soorgooo: buna dhugaatii dhiiseera
Sookoo:barakaa ykn bina kee 2ffa hin dhugu .
Karaa kee gubbaatti Bishooftuu argite
Jecha dachaa :Bushooftuu
Sorgoo:Magaalaa Bushooftuu agarte
Sookoo:Waan badaa ,fokkisa agartee
Tokkuma filadhu hamma garaa hirtu
Jecha dachaa:hamma garra hirtu
Sorkoo :muka tokko filadhuu kori
Sookoo :waan tokko hojjechuuf hin mamin
Qulqulluu bishaaniii isa wayya dhugaa
Jecha dachaa:Isa wayya dhugaa
Soorgaa :bishaan wayya bishaan dhugaa
Sookoo : waan dhugaa ta’e waayya ,dhugaa dubbachuu wayya
Wayyaaas miiccadhaa bareechaa addeessaa
Jecha dachaa:addessaa
Soorgoo :qulqulleessuun adii godhaa
Sookoo :ji’a ykn baatii
Bakka geessu hin beeknu inni abbaa hin qabu
Jecha dachaa:Inni abbaa hin qabu
Soorgoo :kan eeyyuyyuu miti /mi’ichi abbummaa hin qabu
Sookoo : inni abbaa dhalche hin qabu
Balleessumaaf jedhee ija qabee cabse
Jecha dachaa: Ija qabee cabse
Soorgoo :Ija masaaqulaa qabee cabse
Sookoo:Agartuu( ija ) isaa qabee cabse
Osoo bira jirruu hundumaa wallaalle
Jecha dachaa:Hundumaa wallaalle
Soorgoo :Waan hundumaa wallaalle /beekumsa dhabne
Sookoo :Nama Hundumaa jedhamu wallaalle
Ni nyaatta ni dhugda siifan fida amma
H.D :Siifan fida amma
Soorgoo :siifan dhiheessa
Sookoo :nama ‘’Siifan ‘’jedhamun dhiheessaa
Harree manna baafne
Jecha dachaa:Harree manaa baafne
Soorgoo :harree beeyilada manaa manaa baafne
Sookoo :xurii haxoofneee (qulqulleessine ).
osoo hin nyaatin torbaan bule agabuu hojjadhe akka nyaadhu anuu quba hin qabu